Finfinneetti dubartoota dhaloota sadiif qoraan baachaa turan boqochiisuun danda’ameera – Aadde Zinnaash Katamaa

You are currently viewing Finfinneetti dubartoota dhaloota sadiif qoraan baachaa turan boqochiisuun danda’ameera – Aadde Zinnaash Katamaa

AMN PLUS – Amajjii 28/2018

‎Magaalaa Finfinneetti Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi sagantaa “Maaddii Shaggariif” yaadama jedhuun pirojektiin misoomaa garaagaraa eegalchiisan, dubartoota duraan qoraan baachaa turan hedduuf carraan hojii uumamee fayyadamoo ta’uu Hoggantuu Itti Aantuu Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’imanii fi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Aadde Zinnaash Katamaa, turtii AMN waliin taasisaniin himan

‎Aadde Zinnaash akka jedhanitti, misoomni Inxooxxoo eegalameen walqabatee, dubartoota dhaloota sadiif jechuunis haadhaa fi akkoo isaanii irraa kaasuun qoraan dugdatti baachuun gurguraa turan187 ol ta’aniif carraan hojii uumuun jireenyi isaanii akka jijjiiramu taasisuu ibsaniiru.

Kunis akka milkaa’u Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, pirojektoota dubartoota fayyadamoo taasisan karoorsuun hojiirra oolchuu isaanii kaasaniiru.


”Pirojektoota kanneen keessaa tokko kan ta’e hojiin tolchaa buddeenaa Lammii yoo ta’u, pirojektiin kun dubartoota 440 ol ta’aniif carraa hojii uumeera” jedhan Aadde Zinnaash.


Akkasumas, Gulallee keessattis hojiin tolchaa buddeenaa dubartoota 480 ol kan duraan haadha isaanii fi akkoo isaanii waliin qoraan baachaa turan fayyadamoo taasisuun kan danda’ame ta’uu ibsaniiru.

‎Dabalataanis, hojiin koriidarii magaalaa Finfinnee keessatti hojiirra oole dubartoota hedduuf carraa hojii uumuu isaa himanii, koriidariiwwan hojiirra oolan kanneen akka iddoowwan oolmaa daa’imanii ijaaramanis dubartootaaf bu’aa guddaa akka ta’e himaniiru.


‎Dubartoonni daa’ima isaanii bakka kaa’atan dhabanii turan, amma iddoowwan oolmaa daa’imanii fayyadamuun hojii isaanii hojjetanii maatii isaanii akka bulfatan taasifamuu eeraniiru.

‎Akkasumas, waggoota torban darbaniif Magaalaa Finfinnee keessatti dubartoota miliyoona tokko ol ta’aniif carraan hojii uumamuu kaasanii, dubartoonni carraa hojii argatan akka babal’isan gochuuf carraa liqii argachuu isaanii cimsuun haalli gaariin uumamuu himaniiru.

‎Dubartoota rakkoo hawaasummaa adda addaa irraa ka’uun karaa irra ba’anii hojii isaaniif hin malle hojjetaa turaniif Giddugala Lenegewa ijaaruun bara 2016 hojii eegaluu kaasaniiru. Giddugalichi marsaa sadiin dubartoota 1,495 ta’aniif leenjii kennuun carraa hojii garaagaraa uumee akka of danda’an taasisuu isaa itti dabaluun dubbataniiru.



‎Hojiin kun dubartootaaf hamilee guddaa kan hore ta’uu ibsanii, dubartoonni hedduun carraa kana fayyadamuun of jijjiiranii maatii isaanii bulchuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’aa jiraachuu kaasaniiru.

‎Dubartoota deeggaruun biyyautubuu ta’uu eeruun, dhaloota boru biyya jijjiiru kan guddiftu dubartii waan taateef rakkoo dubartootaa hubachuun carraa kennuun murteessaa ta’uu Hoggantuun Itti Aantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Aadde Zinnaash Katamaa turtii AMN waliin taasisaniin ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply