AMN PLUS- Guraandhala 02/2018
Biyyootni Afrikaa seenaa isaanii keessatti rakkoowwan damdaneessaa gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdeen isaan mudate furuuf Marii Biyyaalessaa (National Dialogue/Peace and Reconciliation) akka mala furmaataa ijootti fayyadamaniiru.
Akka fakkeenyaattis biyyootni akka Afriikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Angoolaa, Tuuniziyaa fi Keeniyaa ni eeramu.
Biyyootni kunneeniifi kanneen biroo marii biyyaalessaa akka furmaata ijootti dhimma bahan maal akka fayyadaman gabaabinaan ilaaluuf;
1. Nagaa fi Tasgabbii Mirkaneessuu:
Biyyootni Afrikaa hedduu kan marii biyyaalessaa eegalan erga walitti bu’iinsa hammaataa keessa bahan booda yoo ta’u, gara marii biyyaalessaatti dhufuun isaanii ammoo akka gaaddisa tokko jalatti mari’achuun dhangala’uun dhiigaa fi cabuun lafee akkasumas baduun lubbuu fi mancaatiin qabeenyaa hin mudatne taasiseera.
Kanaanis, biyyootni jedhaman kunnin nageenyaafi tasgabbii mirkaneeffachuuf carraa argataniiru.
2. Seenessa waloo biyyaalessaa uumuu:

Mootummaa fi uummata jidduutti, sabootaa fi sablammoota akkasumas uummattoota garaa garaa jidduutti miira wal shakkii balleessuun qajeeltoo kan waloo ta’e uumuuf nama dandeessisa.
Heerri mootummaa haaraa hirmaachisaa ta’e akka wixineeffaamuu fi aangoon siyaasaa haqa qabeessa akka ta’uuf karaa bana.
Fakkeenyaaf, Tuuniziyaan “Warraaqsa Birraa” adeemsifame booda biyyattiin cehumsa diimokiraasii taasisteetti.
3. Araara Biyyaalessaa fi Dhiifama
Seenaa darbee xiinxaluun, kanneen miidhaman haala itti beenyaa argataniifi kanneen miidhaa dhaqqabsiisan ammoo balleessaa isaanii amananii waltajjii ittiin dhiifama gaafatan mijeessa.
Haaloo ba’uu fi gadoo qabachuu hir’isuun waloooma gara fuulduraaf daandii qulqulleessa.
Ruwaandaatti duguuggaa sanyii raawwatame booda sirni duudhaa adeemsa murtoo bifa aadaan kennuu itti dhimma bahame “Gachaachaa” jedhamu tokkummaa biyyaalessaaf bu’uura kaa’eera.
4. Fooyya’iinsa Sirna Siyaasaa:
Walitti bu’iinsa yeroo filannootti mudachuu malu fi saamicha aangoof taasifamu bifa waaraan hiikuu dandeessisa.
Dhaabbilee bilisa ta’an kanneen akka boordii filannoo fi mana murtii ijaaruun kallattii waloo akka kaa’atan taasisa.
Kanaafis fakkeenya kan ta’u filannoo bara faranjootaa 2007’tti Keeniyaatti adeemsifame hordofuun walitti bu’iinsa uumameef fooyya’iinsa sirna dhaabbilee hundee irraa eegaluun taasisteen bu’aa olaanaa ittiin galmeessisteetti.
5. Guddina Hawaas-Diinagdeef bu’uura kaa’uu:
Biyya tasgabbiin siyaasaa keessatti mul’atutti sochiin invastimantii alaa fi misoomni biyya keessaa itti fufiinsa qabaata.
Kanaafuu, biyya mariin jabaattetti ajandaawwan misoomaa irratti waliigalteen biyyaalessaa jiraachuun haguma mootummaan wal jijjiiru tarsiimoowwan akka hin gedderamneefi fayyadamummaan uummataa akka mirkanaa’u ni gargaara.
Bu’aan adeemsa marii biyyaalessaan argamu biyyaa gara biyyaatti garaagarummaa qabaatullee, dhimmi ijoon “yaadni koo qofti haa dhaga’amu, ana qofatu sirriidha, ana qofaatu miidhame” ilaalcha jedhu dhabamsiisuun bakka nama biraa of-buusuun.
“Biyya waloo-Furmaata waloo” yaadama jedhu maddisiisuun bu’aa olaanaa argamsiisuu isaa maddeen adda addaa iccitii faayidaa biyyaalessaa duuba jiru ifa baasan xiinxalaniiru.
Maarree Itoophiyaanis mari’achaa jirti. Lammiileenshee ajandaa qaban hunda Komishinii Marii Biyyaalessaaf galfataniiru.
Paartileen morkattootaas akkasuma warri hidhannoon socho’aa turan hedduun gara daandii nagaatti dhufuun ajandaa isaanii galfataniiru.
Adeemsi kun akka milkaa’u ammoo tokkoon tokkoon lammii Itoophiyaa irraa hoji manee guddaatu eegama.
Malkaamuu Abbabaatiin