Obboloota Keenya Afriikaa Kabajaan Haa Simannu – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Obboloota Keenya Afriikaa Kabajaan Haa Simannu – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS- Guraandhala 02/2018

Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Jaallatamtoota Uummattoota Itoophiyaa!

Biyyi keenya jaallatamtuun keessummoota yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan obboleewwan keenya Afrikaanota onnee qulqulluun harka bal’istee simatti.

Michootni keenya kunniin halluuwwan alaabaa keenyaa kanneen qooddatan, Itoophiyaa akka ibsituu walabummaatti ilaaluurra darbuun biyyi keenya akka dhagaa golee siyaasa ardichaa taatetti warreen kabajaniidha.

Itoophiyaan aadaa keessummaa simachuu ishee daangaa hinqabneen maaliif akka kabajamtee simannaa keenyaan itti haa agarsiisnu.

Itoophiyaan mana isaanii akka itti fakkaattu haa taasisnu. Kabajaan isaan haa simannu. Jaalalaanis isaan haa tursiisnu.

Ida’amnee alaabaan keenya kan bakka bu’u afuura tokkummaa Afrikaafi kan waliin nu tursiisu abjuu waloo keenya haa taasisnu.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply