AMN PLUS – Guraandhala 05/2018
Ministeerri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Yaa’ii Afrikaa-Itaalii Ilaalchiisuun ibsa kenneen Yaa’ii Gamtaa Afrikaa Itoophiyaan wagga waggaan qopheessituun keessummoota gara teessoo gamtichaatti dhufan wantoota haaraa daawwachiisuun fakkeenyummaa Paan Afrikaanizimii itti Fufsiisuu ibseera.
Ibsicha kan kennan Deetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahun Gobezaay Itoophiyaan Yaa’ii 39ffaa gaaddisa Afrikaanotaa kan tahe yaa’ii 39ffaa Gamtaa Afrikaa dabalatee yaa’ii seena qabeessa Afrikaa-Itaalii keessummeessuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Guraandhala 06-08/2018 Itoophiyaan ajandaalee gurguddoo lama akka keessummeessitu kan ibsan Obbo Tasfaahun inni jalqabaa yaa’ii Afrikaa-Itaalii Guraandhala 06/2018 gaggeeffamu yoo tahu, inni biroon ammoo yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa dureewwan biyyoota Afrikaa irratti hirmaatan tahuu himaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin