AMN PLUS-Guraandhala 05/2018
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa Finfinneetti adeemsifamuun isaa injifannoo guddaa gama dippiloomasiin dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu danda’u ta’uu hayyuun saayinsii siyaasaa Obbo Solomoon Tafarraa ibsan.
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaa Guraandhala 07-08/2018 Magaalaa Finfinneetti adeemsifama.
Obbo Solomoon Yaa’ichi Finfinneetti adeemsifamuun isaa Itoophiyaaf faayidaa damdaneessa akka qabu dubbataniiru.
Dureewwan biyyoota Afrikaa yaa’ichaan alatti mariiwwan gam-lamee taasisaniin dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisuufi gahee Itoophiyaan Gaafa Afrikaa keessatti ba’ataa jirtu hubachiisuuf haala mijataa akka uumu ibsaniiru.
Finfinnee giddu gala tuurizimii taasisuuf hojiilee misoomaa hojjataman carraa ittiin gaggeessitoota biyyoota Afrikaa daawwachiisuun danda’amu mijeessuu kaasaniiru.

Gaggeessitootni kunneen namootni biroo akka Finfinnee daawwatan affeeruun guddina diinagdeef gumaacha akka qabu turtii AMN waliin taasisaniin himaniiru.
Ejjennoo Hidha Haaromsaan qabameen “Rakkoo Afrikaaf, Furmaata Afrikaa” qajeeltoo jedhuuf agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.
Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Obbo Solomoon, ajandaa alagaa irra aadaa nageenya isaanii ofumaan mirkaneessuu gabbifachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gaanfa Afrikaatti qabeenya bishaaniin wal qabatee dhimmoota ka’an seerota idil addunyaa hordofuun Gamtaa Afrikaa jalatti akka hiikkoo argatan taasisuun Galma Badhaadhinaa Ajandaa 2063’n qabame milkeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Biyyootni Miseensaa 54’nuu yaad-rimee Paan Afriikaanizimii hubachuufi of-kabachiisuun kaayyoo gamtichaa galmaan ga’uuf gumaacha isaanii ba’achuu akka qaban illee yaadachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e