Biqiltuu dhaabuun agarsiiftuu abdii boriiti; kunuunsuun ammoo abdii sana lafa qabsiisuudha-Injinar Wandimmuu Seettaa

You are currently viewing Biqiltuu dhaabuun agarsiiftuu abdii boriiti; kunuunsuun ammoo abdii sana lafa qabsiisuudha-Injinar Wandimmuu Seettaa

AMN PLUS – Guraandhala 06/18

Bilqiltuu dhaabuun hojii duraa yoo tahu kan dhaabame kunuunsuun latee akka dhalootaaf darbu taasisuun shoora bakka bu’iinsa hinqabne bahachuu tahuu Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa ibsan.

Hoggantootniifi hojjettootni Waajjira Hoji Gaggeessaa Magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa biqiltuu sagantaa duula ashaaraa magariisaan kanaan dura dhaaban itti deebi’uun kunuunsaniiru.

Hojiin fakkeenyummaa qabu akkasii hojjetamuun biqilootni dhaabaman latuun faayidaa barbaadamuuf akka oolan hordoffiin itti fufiinsa qabu taasifamuun murteessaa tahuu agarsiisa jedhameera.

Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa saganticha irratti ergaa dabarsaniin “biqiltuu dhaabuun agarsiiftuu abdii horachuu yoo tahu kunuunsuun ammoo abdii sana lafa qabsiisuun akka jiraatu taasisaadha” jedhaniiru.

Lafa magariisaan uwwifame uumuuf biqiloota dhaabaman bishaan obaasuun yeroo yeroon hordofuun tahuus ibsaniiru.

Eegumsiifi kunuunsi naannoo hojii mootummaa qofaallee akka hin taane kan ibsan Injinar Wandimmuun dirqama lammummaa lammilee biyyatti hundaa tahus hubachiisaniiru.

Bakkeewwan duwwaa tahan biqiltuu dhaabuun deebisanii bayyanachiisuu dabalatee balaa uumamuu danda’u hambisuufis biqiloota kunuunsuun murteessaa tahu akeekaniiru.

Hojjettootni waajjirichaa saganticharratti hirmaatan gama isaanitiin biqiloota kunuunsuun akka hojii daa’imman kunuunsuutti obsaafi jaalala gaafataa himuun hojiin biqiloota kunuunsuu har’a hojjetamu biyya bosonaan badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf wabii tahuu ibsaniiru.

Zallaqaa Oljirraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply