Ayyaanni Iid Al-Faxrii 1447ffaa akka milkaa’inaan kabajamuuf mariin adeemsifame

You are currently viewing Ayyaanni Iid Al-Faxrii 1447ffaa akka milkaa’inaan kabajamuuf mariin adeemsifame

‎AMN PLUS- Bitootessa 8/2018

‎Ayyaanni Iid Al-Faxrii 1447ffaa akka milkaa’inaan kabajamuuf hoggantoota Majiliisaafi Qindeessitoota waliin mariin adeemsifame.

‎Ajajaan Olaanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee, Leetenaal Jeneraal Asraat Denneeroo, ayyaanni Iid Al-Faxrii bara kanaa haala miidhagaa ta’een akka kabajamuuf hojiiwwan qophii duraa hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Mootummaanii fi dhaabbileen amantaa nagaa irratti waliin hojjechaa jiraachuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, dhaabbileen amantaa ijaarsa nagaa keessatti gahee guddaa qabaachuu isaanii fi dabalataanis magaalichaaf humna dabalataa uumaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Itti Gaafatamtuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee, Aadde Liidiyaa Girmaa, ayyaanni kun dudhaa amantaa isaa eeggatee akka kabajamuuf namni hundi itti gaafatamummaa isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

‎Koreen qindeessitoota amantaas, ayyaanni kun dudhaa amantaa isaa waliin akkasumas maqaa gaarii biyyaa kan ijaaru ta’uu ibsuun, uummanni Islaamaa ayyaana kana tokkummaa fi waliin jireenyaan akka dabarsu waamicha dhiyeessuu ‎Odeeffannoon Poolisii Magaalaa Finfinnee AMN’f erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply