Bara Gadaa kiyyaatti misoomaa fi nageenyi hawaasaa akka mirkaanaa’uuf dursa kenneen hojjedha- Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu

AMN PLUS Guraandhala 26/2017

Bara Gadaa isaaniitt misoomaa fi nageenyi hawaasaa akka mirkaanaa’uuf dursa kennani akka hojjettan Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu himaniiru.

Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Gadaa Booranaa 71ffaa kuraa Jaarsoo irraa baallii fudhachuuf qophiitti jiru.

Sirni Gadaa jaarmiyaa umuriifi dhalootan ijaarame yoo ta’u, sirna bulchiinsa dimokiraatawaa Oromoon Addunyaaf gumaachedha.

Gadaan sirna siyaasni, dinagdeeniifi hawaasummaan Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha.

Sirni Gadaa dimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaafi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.

Dhaloonni oromoo yeroo hunda gadaa keeessa jira. Namni kamiyyuu gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika. Sirna Gadaa keessatti Baalliin karaa nagaatiin Abbaa Gadaa tokko irraa gara isa biraatti darba. Haala Kanaan namni raabas doorii keessa ga’umsaan darbe gadaa ta’ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata.

Bu’uuruma kanaan sirni walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaa Gadaa Fullaasaafi Gadaa Mardiidaa gidduutti Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa jilaa badhaasaatti gaggeeffamaa jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply