AMN PLUS- Bitootessa 1/2017
Godina Shawaa Bahaati mannen barnoota 678 keessatti sagantaan nyaata barattootaa barattoota kuma 245 ol fayyadamoo taasisuu isaa Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan Waajjirra Barnoota Godina Shawaa Bahaa obbo Girmaa Lammaa akka himanitti, Buusaa Gonofaa waliin ta’uun godinicha keessatti manneen barnootaa sadarkaa idilee duraa fi sadarkaa 1ffaa 826 keessatti sagantaa nyaata barattootaa gaggeessuuf karoorfamee, hanga ammaatti manneen barnootaa 678 keessatti eegalameera.

Haaluma kanaan barattota kuma 245 fi 967 sagantaa nyaata irraa fayyadamoo taasifameera.
Qonnaan bultoonni fi miseensonni hawaasaa biroo qindoomina Buusaa Gonofaan sagantaa nyaataa kanarratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun, manneen barnootaas qabiyyee lafa isaanii irratti oomisha qonnaa oomishanii nyaataaf itti fayyadamaa akka jiran hubachiisaniiru.
Obbo Girmaa Lammaa itti dabaluun, sagantaan nyaataa kun barattoonni haaraan gara mana barumsaatti akka dhufan, harca’insa hir’isuu, dhiibbaa jireenyaa maatii salphisuu fi baruu fi barsiisuu fooyya’aa ta’e akka jiraatu taasiseera jechuu isaanii TOI irraa odeeffanne.