1. Dabballee- Sirna Gadaa keessatti sadarkaa jalqabaati. Hojii humnaa hin hojjatan, kunuunsatu taasifamaafi. Wayyuu jedhamuu hin dhaanaman haadhaafi abbaan isaaniitillee ni kabajamu. Mana nama kamiyyuu yoo seenan aannantu kennamaafi. Elellaan godhatu. Eebba barsiifamu. Sadarkaa kanatti ilmoolee re’ee xixiqqoo tiksiti malee hojii hin hojjatan. Guduruu buufachuun gaammee qoratu. Mataa raabaa buufatu.
2. Gaammee Didiqqaa: Sadarkaa kanatti ilmaan eenyuu akka ta’an, gosa, sunsuma, mana, balbala, safuu barsiifamu. Jabbilee loonii tiksuu eegalu.
3. Gaammee Gurguddaa- Sadarkaa kanatti abbootiin isaanii sangaa qopheessuun sangaa qalachuun nyaachisa nyaatu. Goodiyyaaf (sirna sadarkaa gaammee keessaa gara kuusaatti ce’uuti) walitti godaanu. Abbootiin ijoollee hunduu ardaa jilaa Guutoo giddaatti walitti godaanuun galma ciicoo dhaabu. Ijoolleen sadarkaa kana keessatti argan ciicoo isaanii galma Ciicoo keessatti hidhatuun achi bulu. sadarkaa kanatti wal dorgommiitti seenuun abbaa Gadaa ta’uuf dorgomu. Nama abbaa Gadaa ta’u fiixeefi aduloota lallabu. Gaammee buufachuun lallabamtee gara kuusaatti darbu.

3. Kuusa- Sadarkaa kanatti hojiin idilee ramadameefii hojjachuu jalqabu. Gorsaa qabu. Kormaa korbeessa qalu. Galma nadhii dhaaban. Caasaa isaanii diriirfatu. lubni isaanii abbaa qaba. Waggaa waggaan jila jilatu. Goseetti galti, loon qabu, farda qabu. Gara raabomaatti ce’uuf dubra fuudhuun maatiirra adda bahu. Erga dubra fuudhanii booda goorootti godaanuun raaba ta’u.
4. Raaba- Sadarkaa raaboomaatti waggaa waggaan sirba raabomaa sirbu. Ardaa jila qabu. Jila jilatu. Maaldaa naqatu. Gorsaa qabu.
5. Doorii- Sadarkaa kanatti galma dooromaa dhaabuun daannisa muratu. jila jilatu. sirba doorii sirbu. Buttee dhaabuun gara gadoomaatti ce’uuf qophaa’u.Gorsaan addaa ramadameefi gorfamu.
6. Gadaa: Sadarkaa kanatti Abbaa Gadaa ta’uun akkaataa sirni Gadaa jedhuun hawaasa bulchu.
AMN PLUS- Bitootessa 9/2017