AMN – Bitootessa 12/2017
Itiyoophiyaanonni amma ammaatti ijaarsa hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf birriin biiliyoona 21 tuqaa 6 deeggarsa taasisuu isaanii waajjirri pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa guddichaa beeksiseera.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tumsa Itiyoophiyaanotaa fi dhalootaa Itiyoophiyaanota ta’aniin ijaaramaa kan jiru pirojektii biyyaa isa guddicha ta’uun nibeekama.
Kana galmaan gahuun lammiileen maallaqaan, beekumsaa, humnasaaniin tumsaa jiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kaleessa mana maree bakka bu’oota ummataaf kennaniin, ijaarsi hidhaa baatii jaha keessatti guutummaatti akka xumuramu dubbataniiru.

Daarektarri olaanaa waajjira mana maree biyyaalessaa qindeessaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa aaaaitiyoophiyaa Dr. Aragaawwii Barihee hidhi haaromsaa kutaa hawaasaa hunda kaayyoo tokkoof kan hiriirse biyyi kan itti boontu pirojektii guddicha jechuun ibsaniiru.
Keessumaa hawaasni deeggarsa garagaraa ijaarsa hidha kanaaf taasisu fedhii guddachuu fi hiyyuma jalaa bahuuf qabu qabatamaan kan itti agarsiisedha jedhaniiru.
Ijaarsi hidhaa erga jalqabamee eegalee Itiyoophiyaanonni birrii Biiliyoona 21.6 ol deeggarsa taasisuusaa ibsaniiru.
Ummanni deeggarsa qabeenyaan taasisuun alatti humnasaan gumaacha birrii biiliyoona 120tti tilmaamamu taasiseera jedhaniiru.
Ijaarsi hidha haaromsaa galma akka gahu hawaasni deeggarsa garagaraa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha taasisuu isaanii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.