Hidhi Haaromsaa mallattoo mo’icha dhaloota kanaa ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaa, Aartiifi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaa (Dr.) ibsan
Biirochi waggaa 14ffaa jalqabbii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa mataduree ‘Itoophiyaan dandeesseetti’ jedhuun kabajaa jira.
Waggaa 14ffaa ijaarsi Hidha Haaromsa Guddichaa itti jalqabame ilaalchisuun Biiroon Aadaa, Aartiifi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee waltajjii sosochii qopheesseera.
Waltajjicha haasaan kan banan Hoggantuun biirochaa Hiruut (Dr.), Hidhi Haaromsaa akkuma Adwaa mallattoo mo’icha dhaloota kanaati jedhanii. Kaka’umsi ummataa jalqabbii isaarraa kaasee ture xumura pirojektii kanaarratti mul’achuu qabaa dhaaman.
Adeemsa waggaa 14 hidhichaatiin ummanni Magaalaa Finfinnee Birrii biiliyoona 6 ol gumaachuu kan dubbatanimmoo Magaalaa Finfinneetti Hogganaa Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Itoophiyaa Misikkir Nagaashi (Dr.) dha.
Hidhichi dinagdee damee tuuriizimii biyyaa guddisuuf faayidaa olaanaa qabaata kan jedhan Nagaash (Dr.) Biiroon Aadaa, Aartiifi Turizimii Magaalaa Finfinnee waltajjii dadammaqiinsaa kana qopheessuu isaaf galateeffataniiru.
Waltajjicharratti Pirezidaantii Waldaa Gootota Duraanii Lij Daani’eel Jootee fi Pirezidaantii Waldaa Hoteelota Magaalaa Finfinnee Aadde Asteer Solomoon dabalatee ogeeyyiin aartiifi abbootiin qabeenyaa gararagaraa argamaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase