Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) afraffaa fi qaama hojii tola ooltummaa gannaa kan ta’e hojii misooma kooriidarii baadiyyaa naannoo jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti jjaarsa mandara jireenyaa moodeela qonnaan bultootaa jalqabsiisan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) afraffaa fi qaama hojii tola ooltummaa gannaa kan ta’e hojii misooma kooriidarii baadiyyaa naannoo jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti jjaarsa mandara jireenyaa moodeela qonnaan bultootaa jalqabsiisan

AMN PLUS Caamsa 26/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) afraffaa fi qaama hojii tola ooltummaa gannaa kan ta’e hojii misooma kooriidarii baadiyyaa naannoo jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti jjaarsa mandara jireenyaa moodeela qonnaan bultootaa jalqabsiisaniiru.

Ministirri Muummee ergaa karaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin, qaama hojii tola ooltummaa gannaa kan ta’e hojii misooma kooriidarii baadiyyaa naannoo jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti ijaarsa mandara jireenyaa moodeela qonnaan bultootaa jalqabsiifneerra jedhaniiru.

Manneen jireenyaa kunneen wayita xumuraman mala jireenyaa qonnaan bulaa jijjiiruun jireenya fayya qabeessa isa gonfachiisu jechuun ibsaniiru.

Gama iraan turtii godinichatti taasifneen hirmaannaa dameen dhuunfaa agiroo Industirii irratti taasisu ilaalleerra jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa dabarsaniin.

Fakkeenyaaf Agiroo Industirii Qindaa’aa Atoot daawwanneerra jedhan.

Raawwiin akkasii hojiilee maaddii guutuun bu’aa galmeessisuuf jalqabame galmaan gahuuf jalqabbii gaarii waan a’aniif jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply