‘Google’ Afaan Oromoo Dabalatee Afaanota Biroo 13 Tajaajila Odeeffannoo Barbaaduu AI’tti Guddisuu Beeksise ‎

You are currently viewing ‘Google’ Afaan Oromoo Dabalatee Afaanota Biroo 13 Tajaajila Odeeffannoo Barbaaduu AI’tti Guddisuu Beeksise ‎

AMN PLUS- Bitootessa 01/2018

‎’Google’ Afaanota Afrikaa AI’n odeeffannoo barbaaadan Afaan Oromoo dabalatee gara 13’tti ol guddiseera.

‎Afaanota ‘google’ Hubannoo Nam-tolchee (AI) isaatti dabale Afaanota Itoophiyaa keessaa Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Somaaleedha.

‎Dhaabbatichi Afaanota Itoophiyaa sadiifi 10 kan biroo ammoo Afrikaa keessaa gara tajaajila barbaadduu odeeffannoo AI’tti makuun tajaajila dijiitaalaa Ardii Afrikaa keessatti babal’isuuf qabate milkeessuuf kan yaadame ta’uun eerameera.

‎Fooyya’iinsi kun tajaajila barbaacha odeeffannoo AI Google keessatti Afaanota naannootiif deeggarsa kan uumu yoo ta’u, kunis fayyadamtoonni barreeffamaan, sagaleen ykn suuraan fayyadamuun afaan filataniin odeeffannoo akka barbaadan kan dandeessisu ta’uun hubatameera.

‎Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Somaalee dabalatee, afaanonni haaraa dabalaman Afrikaanis, Akaanii, Hawusaa, Kiinyaaruwaandaa, Kisawaahilii, Sesootoo, Seetsiwaanaa, Wooloof, Yoruubaa fi Isiizuluu dha.

‎Filannoon afaanota kanaa fedhii tajaajila dijitaalaa afaanota Afrikaa bal’inaan dubbataman irratti jiru kan agarsiisu ta’uu ‘Google’ ibseera.

‎Dhaabbatichi akka jedhetti, dandeettii AI afaanota Afrikaatti babal’isuun kun carraa tajaajila dijiitaalaa hirmaachisaa taasisuu fi teeknolojiiwwan haaraa dhufan plaatformiiwwan afaan Ingilizii qofa irratti hundaa’an irra darbee fayyadamtoonni hundi akka argatan gochuuf carraaqqii taasifamu keessaa isa tokko ta’uun caqasamuu ‘Connecting Arica’ gabaaseera.

‎Wayita Itoophiyaan teekinooloojii dijitaalaa jajjabeessaa jirtutti ‘Google’ tarkaanfii kana fudhachuun isaa, tarsiimoo biyyattiin qabatte milkeessuuf galtee olaanaa ta’uu mala jedhameera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply