Taphni Waancaa Addunyaa 2026 gaggeeffamuuf guyyoota meeqatu hafa? Biyyoota meeqatimmoo itti hirmaachuuf Tikkeettii kutate?

You are currently viewing Taphni Waancaa Addunyaa 2026 gaggeeffamuuf guyyoota meeqatu hafa? Biyyoota meeqatimmoo itti hirmaachuuf Tikkeettii kutate?

AMN PLUS – Guraandhala 24/2018

Hawaasni ispoortii Idil Addunyaa madda bashannanaa jedhee kan eegu urjiileen kubbaa miilaa akka Liyoonel Andirees Meesiifi Kiristaanoo Ronaaldoo Doosaantoos Aviyeeroo (CR7) kan itti wal-keessummeessan taphni waancaa Addunyaa baranaa dhiyaatera.

Bara 1930 biyyoota muraasaan kan eegale taphni waancaa Addunyaa umrii jaarraa 1 cufuuf deemu barana haala addaan qophaa’aan eegama.

Biyyootni 48 bakki itti wal argan, biyyootni 3 ammoo Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksikoon waloon kan qopheessan taphni waancaa Addunyaa 2026 dhufe dhufe jechaa jira.

Sagantaaleen Bulchiinsi Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa FIFA’n yeroo yeroon haaressuun akka ifoomeetti taphni waancaa Addunyaa eegaluuf guyyoota 100 qofaatu hafa.

Hanga ammaatti biyyootni 42 tikkeetti gara tapha waancaa Addunyaatti isaan geessu harkatti qabataniiru. Biyyootni 6 ammoo tapha mo’atan darbuu injifachuun tikkeetticha harka keessa galfatuu jechuudha.

Taphni waancaa Addunyaa baranaa gaggeeffamuuf umriin guyyoota 100 qofti kan hafu yoo tahu akka lakkoofsa Itoophiyaatti Waxabajjii 4/2018 tapha Meeksikoofi Afrikaan Kibbaa Taasisaniin akka eegalu sagantaan bahe ni mul’isa.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply