Rakkoo Jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf furmaanni dhalli namaa Uumama mancaase iddootti deebisuu qofaa jedhan Ministir Deetaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Obbo Suyyum Mokonnin ibsaniiru.
Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa 2ffaa qopheessuun haal-duree qophii raawwachaa turuu Obbo Suyyum ibsaniiru.
Dhalli Namaa miidhaa Qabeenya Uumamaa irraan gahaa tureen, madaalli Uumamaa dabuu isaatiin addunyaan kun balaa guddaaf saaxilamuu ibsaniiru.
Rakkoo kanaaf Itoophiyaan duursitee tarkaanfii fudhatteen diinagdee misooma magariisaan duurfamu ijaaruuf carraaqqii olaanaa gochaa turuu ibsaniiru.
Kanaaniis sagantaa ashaaraa magariisaatiin yeroo gabaabaa keessatti biqiloota biiliyoona 40 ol dhaabamuu himaniiru.
Kana malees hamma aaraa gubataa ykn kaarboon daayi’oksaayidii konkolaattotaan qileensatti lakkifamu xiqqeessuuf konkolaattota elektirikaa gara biyyaa galchuun tajaajila kennaa jirti jedhaniiru.
Biyyoonni guddatan miidhaan qabeenya qilleensarraan gahaa jiran rakkoo jijjiirama qileensaatiin dhufaa jiru hubachuun balaa kana ittisuuf sochiin taasisan gadi aanaa ta’uus kaa’aniiru.
Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa 2ffaa Itoophiyaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun qopheessaniifi Qaammee 3-5 bara 2017’tti Finfinneetti taa’amu kanaan qooda fudhattoonni dhimmichaa irratti hirmaachuun sadarkaa Ardittiitti fala kan barbaadan ta’uu ifoomsaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.