Bara bajataa 2018tti dinagdee naannichaa bayyannachiisuuf kan hojjetamu ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa karoora barichaaf akka naannootti qabame ilaalchisuun ibsa Midiyaalee kennaniiru.
Qonna Arfaasaafi Gannaatiin lafa hektaara miiliyoona 13 fi kuma 500 irraa callaa kuntaala miiliyoona 400 fi miiliyoona 9 argachuuf ni hojjetamas jedhan. Qonna qamadiitiinis callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 60 ol argachuuf akka hojjetamaa jiru himan.
Pirojektootni Finnaa jallisii eegalaman harki caalaan bara bajatichaatti kan xumuraman ta’uu kan dubbatan Obbo Haayiluun pirojektootni bishaan dhugaatii kuma2 fi 600 ol xumuramuun namoota miiliyoona 1 fi kuma 600 ol fayyadamoo akka taasisanis himan.
Bara bajataa 2018tti hoji-dhabeeyyii miiliyoona 2 fi kuma 700 oliif carraa hojii uumuufis liqiin birrii biiliyoona 16tti siqu kan kennamu ta’uus kaasan.
Damee barnootaafi fayyaatiinis hojiiwwan eegalaman jabaatanii kan itti fufan ta’uus himaniiru.
Duudhaa ganamaatti deebi’uuf hojiiwwan jalqabaman cimanii kan itti fufan ta’uu kan dubbatan Obbo Haayiluun nageenya naannichaa mirkaneessuuf waamichi nagaa qaamota hidhatanii socho’aniif taasifamu kan itti fufu ta’uus ibsichaan kaasaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase