‎Sirni Awwaalcha Artistii Dabbabaa Isheetuu bor Waaree booda Sa’aatii 8:00tti raawwata

You are currently viewing ‎Sirni Awwaalcha Artistii Dabbabaa Isheetuu bor Waaree booda Sa’aatii 8:00tti raawwata

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

‎Sirni awwaalcha Artistii Gameessa Dabbabaa Isheetuu bor sa’aatii 8:00tti Mana Amantaa Kaateediraalaa Qulqulluu Sillaasee’tti akka raawwatu koreen biyyaalessaa raawwachiiftuu sirna awwaalichaa beeksise.

‎Guyyaa borii Mana Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaatti guyyaa keessaa sa’a 5 irratti sagantaan gaggeessaa akka godhamuuf himaniiru.

‎Daayirektorri Olaanaan Tiyaatiraa Biyyaalessaa Itoophiyaa obbo Baarrakaa Taaddasaa akka ibsanitti sirni awwaalcha artistii gameessa kanaa bor sa’a 8 ‘tti Bataskaana Kaatediraalaa Qulqulluu Sillaasee’tti raawwatama.

‎Tiyaatirri Biyyaalessaa Itoophiyaa du’a Artistichaan gadda itti dhaga’ame ibseera.

‎Artisti Dabbabaan barreessaa tiyaatiraa, qopheessaa, taatoo fi turjumaana akka ture dubbatameera.

Maqdas Damissitu‎ gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply