Addis Miidiyaa Neetworkii fi Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin waliigaltee hojii mallatteessan

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetworkii fi Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin waliigaltee hojii mallatteessan

‎AMN PLUS-Hagayya 15/2017

‎Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

‎Waliigaltee kanas kan mallatteessan Itti aanaa Hoji Raawwachisaa fi Itti gaafatamaa Damee Televiizhiinii Addis Miidiyaa Neetwork Obbo Xilaahuun Kaasaa fi Hoji gaggeessaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Didhaa Dirribaati.

‎Itti aanaan hoji raawwachiisaa fi Itti gaafatamaa Damee Televiizhinii Addis Miidiyaa Neetwoork Obbo Xilaahuun Kaasaa dhaabbanni kun sagalee dhalootaa ta’uun dhiimmoota heedduu uummataan gahaa kan jiru yoo ta’u, eegumsa naannoo Finfinnee irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru babal’isuuf waliigalteen abbaa taayitichaa waliin taasifame murteessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Hoji gaggeessaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Didhaa gama isaaniin AMN sochii hojii walii galaan yeroo hunda nu waliin jira kan jedhan yoo ta’u eegumsa naannoo irratti hojiiwwan hojjennu hundumaa hawaasa hirmaachisuu irratti gahee olaanaa qaba.

‎Akka waliigaltechaatti sagantaa Eegumsa Naannoo irratti xiyyeeffannaa kennuun Televizhiniin, Raadiyoon akkasumas Gaazeexaa maxxansa haaraan dhaggeeffatootaaf hordoftootaan ni gahu jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply