Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamin Netaaniyaahuu lammiilee isaanii Gaazaatti ugguraman lakkisiisuuf marii gaggeessuuf qophaa’uu isaanii ibsan.
Waraanni Israa’el Gaazaa akka to’atuuf kaabineen isaanii karoora ba’e raggaasisuu isaa hordofeeti, Netaaniyaahuun kana kan beeksisan.
Wiixata darbe jaarsummaa Ijiptiifi Kaataariin waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 60’f kaa’ame Haamaas simatus gama Israa’eliin garuu waliigaltee irra hin ga’amne.
Raayyaan ittisaa Israa’eel Gaazaa to’achuufi Hasmaasiin hamma dhumaatti balleessuuf karoora ba’e akka raggaasisus beeksiseera.
Netaaniyaahuun tarkaanfii itti aanu irratti ibsa osoo hin kennin, Haamaasiin yeroo dhumaafi injifachuufi lammiilee isaanii ugguramanii jiran gadi lakkisiisuuf hojiilee wal faana hojjataman ta’uu beeksisaniiru.
Israa’el dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra kan geessu yoo ugguramtootni hunduu yeroo tokkotti yoo gadi dhiifaman qofa akka ta’e beeksisteetti.
Dabalataanis, waraanichi akka dhaabbatuuf Haamaas hidhannoo hiikkachuu, Gaazaanis Israa’el jala seenuufi qaama 3ffaa Paalastaayiniin ala ta’e jalatti akka bultu karoorri dirqisiisu gama Israa’eliin ba’eera.
Naannawa Baha Gaazaatti kaleessa haleellaan kan raawwatame yammuu ta’u, ogeessotni fayyaafi dhaabbileen gargaarsaa namoota Gaazaa keessa jiraatan miliyoona tokko ta’an, gara naannawa Kibbaatti geessuuf akka qophaa’an Israa’el yaadachiisteetti.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbileen gargaarsaa, namoota deemanis ta’an kan Gaazaa keessatti hafan gargaaruu irraa akka duubatti hin hafne beeksisuu isaanii BBC’tu gabaase.
Malkaamuu Abbabaatiin