AMN PLUS- Guraandhala 17/2018
Magaalaa Finfinneetti kenniinsi tajaajila socho’aa Addis Masoob atoobusiin kennamu akka Afriikaatti kan jalqabaa ta’e torbanoota muraasa keessatti kan eegalamu tahuu Daayirektara Olaanaa Tajaajila Giddu Gala Tokkoo A-Masoob Obbo Yoonaas Alamaayyoo AMN Dijiitaaliif ibsaniiru.
Kenniinsi Tajaajila Giddu Gala Tokkoo dijiitaalawaa konkolaataan kennamu kun qaama tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD)’n eegalamee ta’uu kaasuun Finfinneen Tajaajila kana eegaluuf qophii xumuraa jiraachuu beeksisaniiru.
Obbo Yoonaas konkolaattoota Tajaajila socho’aa tajaajilamtootaaf bakkaa bakkatti deemuun kennan kanneen bifa Waajjira Dijitaalaa socho’aaf maluun jijjiiruufi mijeessuu ilaalchisee hojiin hojjatamaa jiru gara xumuraa gahuu ibsaniiru.

Wixinee irraa eegalamee hojjataa qopheessuufi hamma konkolaataa barbaachisuu adda baasuun hojjatamaa turuu yaadachiisuun atoobusiiwwan gara elektirikaatti jijjiiruu irratti kan argaman ta’uu kaasaniiru.
Tajaajilootni 60 ol A-Masoob socho’aan maammilaaf kennamuu kan danda’an ta’uu kan mirkaneessan Obbo Yoonaas, guyyoota 20 dhufan jechuunis turtii torban sadii hin caalle keessatti magaalaa Finfinnee keessatti waan haaraan dhufaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli Giddu Gala Tokkoo Dijitaalawaa socho’aa ta’e, akka Afriikaatti kan jalqabaa ta’e kun moodaaliitii Magaalaa Ismaartii kan qabu ta’uu AMN Digital’tti himaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase