AMN yeroo gabaabaa keessatti dhaabbata amanamaa ta’eera – Injinar Wandimmuu Seettaa

You are currently viewing AMN yeroo gabaabaa keessatti dhaabbata amanamaa ta’eera – Injinar Wandimmuu Seettaa

‎AMN PLUS- Hagayya 30/2017

‎Addis Miidiyaa Neetwork yeroo gabaabaa keessatti dhaabbata itti amanamummaa gonfate akka tahe Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa ibsan.

‎Waajjirri Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Addis Miidiyaa Neetwork waliigaltee wajjiniin hojjachuuf isaan dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

‎Waliigalteen Kunis kan mallattaa’e Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaafi Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa jidduutti.

‎Waliigalteen kun faayidaa hunda galeessa jiraattota magaalaa Finfinnee kan mirkaneessuu tahuus ibsameera.

Finfinneen ol jettee akka mul’attuu taasisuu keessatti itti gaafatamummaan Addis Midiyaa Neetwoork guddaa ta’uu Hoji raawwachiisaa olaanaan AMN Obbo Kaasaahuun Gonfaa ibsan.

‎Addis Miidiyaa Neetwoork haala qabiyyee fi dhiyeessii isaan filatamaa fi dorgomaa ta’eera kan jedhan obbo Kaasahun, miidiyaa meetiroopooliitaanii sirrii ta’uun galma isaa mirkaneesseera jedhan.

‎Itti dabalas mootummaa fi uummata gidduutti riqicha ta’uun bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’uuf hojimaati badaan akka saaxilamuuf gochuu fi waan uummati barbaadu sirnaan akka argatuu gochuuf ballinaan hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.

‎Adeemsa keessatti bulchiinsi magaalichaa deggersa barbaachisaa gochaa akka jiru himan.

‎AMN teeknooloojiidhaan of ijaaruun sabdaneessummaa agarsiisuun afaanota addaddaa 7n filmaatilee addaddaan uummata bira gahaa akka jiru ibsaniiru.

‎Dhaabbileen lamaanuu waliin ta’uun waan fooyya’aadhaaf akka hojjetan Obbo Kaasaahuun eeraniiru.

‎Habtaamuu Mul’ataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply