Haleellaa Israa’elitti raawwatameen namoonni 6 ajjeefaman

You are currently viewing Haleellaa Israa’elitti raawwatameen namoonni 6 ajjeefaman

‎AMN PLUS- Qaammee 3/2017

‎Haleellaa lammiileen Filisxeem lama buufata konkolaataa Yerusaalemitti raawwataniin lubbuun namoota 6 darbeera.

‎Haleellaan seensa magaalattii irratti raawwatame kun yeroo lubbuu namaa galaafatu waggoota muraasa keessatti Isa jalqabaati jedhameera. Qondaaltonni fayyaa Yerusaalem akka jedhanitti, namoota du’aniin alatti namoonni 11 madaa’aniiru.

‎Pireeizdaantiin Filisxeem Maahmuud Abbaas haleellaa lammiilee Filisxeemii fi Israa’el irratti raawwatamu kamiyyuu akka balaaleffatan beeksisaniiru. Raayyaan Ittisa Israa’el namoota shororkeessummaan shakkaman Ramaalaah fi Weest Baankii keessatti barbaadaa jira.

‎Haleellaa wal fakkaataan bara 2024 Tel Aviv keessatti kan raawwatame yoo ta’u lubbuun namoota 11 darbuun isaa ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply