Itoophiyaa: Shaampiyoonii Atileetiksii Addunyaa Irratti

You are currently viewing Itoophiyaa: Shaampiyoonii Atileetiksii Addunyaa Irratti

‎AMN PLUS – Fulbaana 2/2018

‎Shaampiyoonaan Atileetiksii waggaa lamatti si’a tokko gaggeeffamu irratti biyyoota toora meedaaliyaa keessaa seenan keessaa tokko biyya keenya Itoophiyaadha.

‎Dorgomichaan maqaa guddaa kan qabdu Itoophiyaan bara kana Jaappaan Tookiyootti kan gaggeeffamu irrattis ni eegamti.

‎ALA 1983 Fiinlaand Heelinsinkiitti dorgommii jalqabe kana irratti Itoophiyaan marsaa 18 hirmaatte. Inni baranaa marsaa 19ffaa ta’a.

‎Waltajjicha irratti meedaaliyaa heedduu walitti qabuun Itoophiyaan sadarkaa 6ffaa irra teessi.

Hirmaannaa ishee 18tiin warqiin 35, meetii 38 fi nahaasii 31 waliigalaan meedaaliyaa 104 atileetota jajjaboo keenyaan deggeramuun milkeessiteetti.

‎Dorgommii Itoophiyaan bu’aa olaanaa itti galmeessite bara 2023 Ameriikaa Hwujinitti kan adeemsifame irrattiidha. Warqii 4, birrii 2 fi nahaasii 2n Itoophiyaan dachee Ameriikaa irratti milkoofte.

‎Sadarkaa dhuunfaan akka Xirunash Dibaabaa fi Qananiisaa Baqqalaa atileetiin meedaaliyaa heedduu argate hin jiru.

Xirunash Dibaabaa waraqii 5 fibirrii 1 yaroo argamsiistu Qananiisaa Baqqalaa warqii 5 nahaasii 1 fideera. Haayilee Gabire sillaasee, Masarat Daffaar, Almaaz Ayyaanaa fi Gudaaf Tsaggaayee meedaaliyaa heedduu biyya isaaniif atileetoota gummaachaniidha.

‎Damee dorgomichaan immoo fageenyi Itoophiyaaf olmaa guddaa oole meetira kuma 10.

Fageenya kanaan Itoophiyaan saala lamaaniin meedaaliyaa 43 walitti qabdeetti. Dubartootaan 23 dhiirotaan 20 akkasumas meetira kuma 5fi maaraatooniin Itoophiyaanoti kan bu’aa olaanaa itti galmeessaniidha.

‎Itoophiyaan dorgommii Tookiyoo irratti fageenyuma duraatiin ni eegamti.

Shaampiyoonichi bor ifatti yaroo eegalu Itoophiyaan warra dhiiraan meetira kuma 3 fiigicha gufachiisaan gulaallii irratti hirmaatti.

Dubartootaan meetira kuma 1 fi dhibba 500 gulaallii fi dubartoota meetira kuma 10 xumuraa irratti ni hirmaatti.

‎Walii galaan dorgommii guyyaa sagaliif turuu kanaa Itoophiyaan meetira 800 hanga maaraatooniitti hirmaattuu ni taati.

Carraa Gaarii

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply