Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi eyyema dhaabbilee Televiziyoonaa isaan morman haquu akka malan beeksisaniiru.
Falmaa mirgaafi ogeessa miidiyaa Chaarlii Karki irratti ajjeechaa torban darbe keessa raawwatame ilaalchisee qophii Komediyaaniin Kiimel jedhamu ABC irratti “qofdubbii”dabarse hordofee murtoo kana irra ga’uun isaanii dhaga’ame.
Kiimel akka hojii dhaabu taasifamuus yoo himamu barreessitootni, taatotniifi dimookiraatotni bebbeekamoo tarkaanfii dhaabbatichi fudhate “mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu” kan sarbu jechuun qeeqaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa daawwannaa Ingilaanditti taasisaa turan xumuruun akkuma deebi’aniin dhaabbileen miidiyaa dhibbantaa 97 ta’an kan na mormaniifi faallaakoo gabaasan ta’anillee salphaatti filannoo yeroo darbee injifadhe”jechuun dubbataniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaan bifa haaraafi hamaa ta’een dhaabbilee miidiyaa sodaachisuuf tarkaanfiin Tiraampi fudhachaa jiran dhaabbachuu akka qabu yaadachiisuu isaanii BBC fi The New York Times gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin