Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen manneen hojii tola ooltummaa gannaatiin ijaaraman kuma 1fi 671 lammiilee biyyaaf oolmaa guddaa oolaniifi maanguddoota dadhaboof dabarsan.
Ijaarsi manneen kanneenii waloomaa fi ollummaa kan cimsan, bakka tapha daa’immanii, bakka sochiileen Ispoortii itti gaggeeffamanii fi akkaataa kabaja ilma namaaf maluun akka jiraatan kan dandeessisu bakka qulqulla’aa fi mijataa ta’uu Kantiibaa Adaanech eeraniiru.
Aadde Adaanech hojii gaarii kana beekumsa, qabeenyaafi humnaan kan deeggaran abbootii qabeenyaa fi hoggantoota haalota mijjeessan hunda galateeffataniiru.