Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti Jala bultiin Ayyaana Irreechaa bara 2018 Marii paanaaliin kabajamaa jira
Saganticha irratti Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Itti waamamaa Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaa dabalatee Hooggantoonni hojii Mootummaa olaanoo Magaalichaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Qeerroofi Qarree akkasumas Sabaafi sab lammoonni kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo argamaniiru.
Hoji raawwachiisaa Olaanaan kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Obbo Tewodiroos W/Mikaa’el Irreechi Mallattoo tokkummaafi jaalalaati waan ta’eef Duudhaa Irreechaa kunuunsuufi eeguun dhalootaa dhalootatti dabarsuun ga’ee nama hundaa ta’uu Obbo Tiwoodiros himaniiru.
Mana maree Magaalaa Finfinneetti itti waamamaan Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaa Irreechi bara kanaa bara biyyi keenya gama hundaan injifannoo garaagaraa gonfattetti kabajamuun isaa adda taasisa jedhan. Ayyaana Irreechaa bara kanas sadarkaa biyyi irra geesseen guddisnee kabajuu qabnaa jedhaniiru.
Ayyaannichis karaa duudhaafi Safuusaa eeggateen akka kabajamuuf hunduu itti gafatamummaasaa ba’achuu akka qabu dhaamameera.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.