Karra eegaan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa duraaniifi Leenjisaa Karra Eegdota Garee Biyyaalessaa Dubartoota Itoophiyaa kan ture Saadaat Jamaal lubbuun boqochuun dhagahame.
Saadaat dhibee irra tureen biyya Hindiitti yaalamaa turuun lubbuun darbeera.
Reeffi isaas bor ganama gara biyyaa akka deebi’u odeeffannoon Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaarra arganne ni mul’isa.
Saadaat Waancaawwan CECAFA lama Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin milkeesseera.
AMN karra Eega Saadaat Jamaal lubbuun darbuusaatti gadda itti dhagahame ibsaa, maatii fi fitoottan isaaf jajjabina hawwa.