Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan bara hojii 5ffaa sirna baniinsa isaanii Wiixata dhufu Fulbaana 26/2018 ni adeemsisu.
Akkaataa Heera Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa keeyyata 58 lakk. 2 jalatti ibsameen bu’uura dambii lakk.6/2008 keeyyata 24 lakk.1 tiin Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI bara hojii waggaa kanaa xumura ji’a Fulbaanaa Wixata hanga waxabajjii 30tti ta’uu raggaasiseera.
Akkasumas, Heera FDRI keeyyata 71 lakk. 1 irratti Pirezidaantiin Rippabiliika Itoophiyaa walgahii waloo kan waggaa kanaa mana maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree Federeeshinii akka banan ibsameera.
Haaluma kanaan, hojiin Mana Maree 6ffaa waggaa 4ffaa xumuramee, sirni baniinsa hojii waggaa 5ffaa bakka Pirezidaantiin Mootummaa Federaalawa Dimookiraatawaa Rippabiliika Itoophiyaa argamanitti fulbaana 26, 2018, sa’aatii 8:00 eegalee akka adeemsifamu odeeffannoon AMN Digital’f ergame ni mul’isa.
Sirna baniinsaa kanarratti Pirezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee manneen hojii mootummaa federaalaa lamaan (Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii) banamuu isaanii beeksisuun karoora waggaa mootummaa federaalaa ni dhiyeessu.
Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi namootni bebbeekamoon, hoggantoonni paartilee siyaasaafi keessummoonni affeeraman kanneen biroo sirna baniinsa mana maree lamaaniibkana irratti ni argamu.