Warshaan xaa’oo akka ijaaramu murteeffamuun damee qonnaaf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsame

You are currently viewing Warshaan xaa’oo akka ijaaramu murteeffamuun damee qonnaaf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsame

‎AMN PLUS- Fulbaana 30/2018

‎Warshaan Xaa’oo akka ijaaramu murtaa’uufi hojiisaa eegaluuf sochiin jalqabamuu damee qonnaaf tarkaanfii guddaa ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

‎Pirojektiin akka biyyaatti kan jalqabaa ta’e kun rakkoolee damee qonnaa keessatti argaman sirreessuuf gahee olaanaa akka bahatu, Ministeerichatti Hoji-Raawwachiisaan Dhiyeessii Qonnaa Obbo Mangistuu Tasfaa ibsaniiru.

‎Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteen qonnaa murteessaa ta’uu eeruun, ijaaramuun warshaa xaa’oo gosaafi hamma xaa’oo biyyoo barbaadamuun akka argamu taasisuu isaa ibsaniiru.

‎Biyyoota addunyaa waliin dorgomuun xaa’oo dhiyeessuun rakkoo mudataa turan keessaa tokko ta’uu kan kaasan Hoji-raawwachiisichi warshaan kun biyya keessatti ijaaramuun damee qonnaaf boqonnaa murteessaa akka ta’e ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.

‎Itoophiyaafi Daangotee wajjin ta’uun warshaa xaa’oo waggaatti yuuriyaa Toonii Miliyoona Sadii oomishuuu ijaaruuf torban darbe keessa waliigaltee akka mallatteessan ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply