AMN PLUS- Onkololeessa 12/ 2018
Waltajjin Marii tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf dandeessisu qopheessummaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaan gaggeeffamaa jira.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen waltajjirratti argamaniiru.
Obbo Ahimad Shideen wayita kanatti, Itoophiyaan damee fayyaa fooyyeessuufi sirna fayyaa cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhimmoota ijoof xiyyeeffannoo kennuun inshuraansii hawasaa babal’isuu, eegumsa fayyaan Itiyoophiyaan naannawicha akka dursitu taasisu, waggoottan sadan dhufanitti baasii damichaa %20 qaqqabsiisuu akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu ta’uu kaasaniiru.
Dabalatanis Itoophiyaan dandeettii qoricha oomishuu ishee guddisaa jiraachuu eeruun, biyyoota naannawaa daldala bilisaa Afrikaaf erguuf karoorfatee hojjechaa jirtis jedhan.
Waltajjichaan Itoophiyaan Saganata waliingahiinsa Fayyaan biyyoota filaman saddeet keessaa tokko ta’uun ishees ifoomeera.