Ministirri Muummee Itti aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa agarsiisa Albuudaa fi Teeknooloojii 4ffaa Giddu gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti bananiiru.
Obbo Tamasgeen agarsiisni kun anga’oota mootummaa olaanoo, oomishtootaafi qorattoota kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru.

Itoophiyaan kuufama albuudaa qabaachuu eeruun, haala ittiin cabiinsa damichaa furuun danda’amurratti hojjechaa akka jirtu kaasaniiru.
Mootummaan damee Albuudaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, utubaalee diinagdee keessaa tokko Damee Albuuda ta’uu yaadachiisaniiru.
Itoophiyaan haala teessumaa tarsima’aafi qabeenya albuudaa qabduun barbaadamummaan ishee dabalaa akka dhufes dubbataniiru.
Agarsiisni kun Sadaasa 4 hanga 7 Bara 2018 akka turu hubatameera.