Agarsiisni hojii ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoo Itoophiyaa biyya Azarbaajaan magaalaa Baakuutti baname

AMN – Sadaasa 3/2017

Konfiraansii Jijjiirama Qilleensaa (COP29) biyya Azarbaajaan magaalaa Baakuutti adeemsifamaa jiru irratti paaviliyoonni hojii ashaaraa magariisa fi eegumsa naannoo Itoophiyaa agarsiisu Pireezidaanti Taayyee Atsiksilaaseen eebbifamee banameera.

Konfiraansii idil-addunyaatti biyyoonni jijjiirama qilleensaa fi gammoojjii ittisuuf hojii hojjatan agarsiisa dhiyeessan irratti Itoophiyaan hojii gama ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoorratti hojjachaa jirtu irratti agarsiisa bantee jirti.

Pireezidaant Taayyee Atsiqaasilaasee akka jedhanitti, Itoophiyaan mala haaraa anniisaa haaromfamuu danda’u, hojii qonna itti fufiinsa qabuu fi eegumsa bosonaa irratti fidde kaasaniiru.

Kana waliin Itoophiyaa faalama qilleensaa hir’isuu fi hawaasa jijjiirama qilleenssaa dandamatu ijaaruuf kutannoo qabdi jedhan.

Itti dabaluun addunyaan xiyyeeffachuun jijjiirama qilleensaa irratti taasisuun biyyoota guddachaa jiraniif deeggarsa qabatamaa taasisuu akka qabdan eeraniiru. Akkasumas rakkoon haala qilleensaa tumsa idil-addunyaatiin furmaata argachuu qaba jedhan.

Keessattuu biyyoota Afrikaaf furmaata itti fufiinsa qabu fiduuf gaheen tumsi idil-addunyaa olaanaa akka ta’e ifa ta’uu akka qabu ibsan.

Ministeerri Karooraa fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa gamasaaniitiin, Itoophiyaan dhiyeessii anniisaa haaromfamuu danda’u, wabii nyaataa fi bakkeewwan turizimii, akkasumas biqiltuu dhaabuu fi hojiin ashaaraa magariisaaf dursa kennuun hojjachaa akka jirtu dubbatan.

Jilli Itoophiyaa konfraansii bara kana Azarbaajaan, Baakuu COP 29 eegalame irratti hirmaachaa jiru marii ijoo gaggeessuun Itoophiyaan muuxannoo ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoo irratti qabdu ni qooddi jedhamee akka eegamu odeeffannoon Ministeera Karooraa fi Misooma irraa argamee ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply