AMN qulqullina barnootaaf gumaacha ba’ateef beekamtii argate

You are currently viewing AMN qulqullina barnootaaf gumaacha ba’ateef beekamtii argate

AMN Plus- Onkoloolessa 18/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha AMN ba’ateef beekamtiifi badhaasa kenne.

AMN Chaanaaliisaa AMN Plus irratti tamsaasa barnootaa dabalataa walta’iinsa Biiroo Barnootaa Finfinneetiin tamsaasuu erga eegalee damee barnootaan jijjiiramni mul’ateera.

Bara kana Magaala Finfinneetti barattoota Kutaa 12ffaa qabxii 500 ol galmeessan kuma 1f 321 keessaa warreen qabxii olaanaa fidan 336 har’a badhaafamaniiru.

Bara 2016 qormaata kana kan darban %21.3 kan ture bara 2017 kana gara %31tti olguddachuus beekameera.

Beekamtii Addis Miidiyaa Neetiwoork Sagaleen Dhalootaaf kenname kana Hoji raaweachiisaan Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa harka Kantiibaa Adaanech Abeebee irraa fuudhaniiru.

Mikaa’el Hiruuyi gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply