Ayyaanni Masqalaafi irreechaa karaa nagaan akka kabajamu qophiin gahaan taasifameera

You are currently viewing Ayyaanni Masqalaafi irreechaa karaa nagaan akka kabajamu qophiin gahaan taasifameera

AMN PLUS- Fulbaana 7/2017

Ayyaanni Masqalaafi irreechaa karaa duudhaafi aadaa isaa eeggateen nagaan akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsaniiru.

Ayyaannoni kunneen nagaan akka kabajamanif qooda fudhatoota waliin karoora waloo qophaa’e irratti mariin adeemsifameera.

Mariicharratti Haggantoonni Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee akkasumas Abbaa Taayitaa kabachisaa danbii irratti hirmaataniru.

Ayyaanonni kunneen nagaan kabajamuuf qindoominni qooda fudhatoota hundaa murteessaa ta’uu hoogganaan Abbaa Taayitaa Kabachisaa Danbii kumalaa Zarihuun Tafarraa ibsan.

Dirribaa Yaadataatiin‎

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply