Ayyaanonni amantaa fi ummataa duudhaa isaaniin akka kabajamuuf qophii xumuruu Humni Nageenya waloo beeksise

You are currently viewing Ayyaanonni amantaa fi ummataa duudhaa isaaniin akka kabajamuuf qophii xumuruu Humni Nageenya waloo beeksise

AMN PLUS- Hagayya 17/2017

Humni Nageenya waloo ayyaanota Amantaa fi ayyaanonni ummataa adda addaa magaalaa Finfinnee keessatti dudhaa isaa eeggachuun akka kabajuuf qophii xumuruu isaa beeksise.

Nageenya biyya keenyaa fi magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf bu’aan Humni Nageenyaa Waloo seera kabachiisuuf hojjete hojii cimaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ergama nagaa fi tasgabbii biyyattii eegsisuu fi itti fufsiisuuf karoorri nageenyaa addaa qophaa’ee kan mari’atamee yoo ta’uu, taateewwan adda addaa biyyattiin keessummeessituuf kallattiin kennameefii hojjetama akka jiru Komishinarri Olaanaan Pooliisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argawu dubbataniiru.

Walgahii kana irrattis Hooggantuun Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa fi Itti Aanaan Komishinara Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa fi Itti Gaafatamaan Kutaa Eegumsa Dhaabbilee Komishinar Abarraa Hundee argamaniiru.

Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaatti mirkaneessuuf ji’a darbe keessa hojiiwwan humni nageenyaa waloo raawwaterratti gabaasni dhiyaatee gamaaggamamuunis ibsameera.

Ji’a itti aanu keessattis ayyaanota amantaa, ummataa fi biyyaalessaa dabalatee, akkasumas sagantaaleen guyyoota Qaammee, bara haaraa, fi ayyaana irreechaafi Masqalaaa dhufaa jiran dabalatee taateewwan addunyaa biyya keenyatti qopha’anif nagaa fi tasgabbii eeguun akka barbaachisu ibsameera.

Nagaa fi Tasgabbii magaalaatti eeguuf hojiin seera kabachiisuu cimaan itti fufinsan akka jiraatuufi tumsi hawaasaa cimaan akka jiraatu waltajjii kanarratti ibsameera.

Daballii mindaa jireenya hojjettoota mootummaa deeggaruuf yaadame dabalame hordofuun namoota dhuunfaa meeshaalee dhoksuu, gatii dabaluu, fi hojiiwwan seeraan alaa adda addaa irratti bobba’an irrattis tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu humni nageenyaa waloo kun ibseera.

Haaluma kanaan hawaasni hojii shakkisiisaa kamuu yeroo argan sarara bilbilaa bilisaa kan poolisii 991 irratti bilbiluun akkasumas EFPApp irratti odeeffannoo kennun dirqama lamummaa akka bahan humni nageenyaa waloo dhaamera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply