Guyyaan Farra Miidhaa Koorniyaa Idil Addunyaa Dirre Dhawaatti kabajamaa jira

AMN- Sadaasa 16/2017

Guyyaan Farra Miidhaa Koorniyaa Idil Addunyaa magaalaa Dirre Dhawaatti kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Afyaa’ii Itti Aantuun Mana Maree Federeeshinii Zahaaraa Humaadiifi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Haleellaa Dubartootaarra qaqqabu ittisuun hojii dhaabbata tokkoo qofa osoo hin taane dirqama lammii hundaa ta’uun ibsameera.

Guyyichi sadarkaa biyyaalessaatti hanga Guraandhala 1, 2017 tti sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’uu ragaan Ministeerichaarra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply