Dhiyyeessii oomishaalee beelladaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Dooktar Girmaa Amantee

AMN- Mudde 01/2017

Fedhii dhiyyeessa oomishaalee beelladaa hawaasni qabu guutuuf sagantaan biyyaalessaa qophaa’uun hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ministirri Qonnaa Dooktar GirmaaAmanteen jila Taanzaaniyaa waliin mari’ataniiru.

Itoophiyaan guddina Diinagdee ishee mirkaneessuuf dhaabbilee ijoo adda baasuun hojjechaa jiraachuu Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Damee qonnaa, Albuudaa, Tuurizimii, Indaastirii fi ICT’f Itoophiyaan xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Qonna Baadiyaa dabalatan qonni Magaalaa jijjiirama olaanaa agarsiisaa jiraachuu himaniiru.

Keessattuu misooma Horsiisa Lukkuu, Aannan, Dammaa fi Qurxummiin bu’aa jajjabeessan argamuu eeruu ragaan ministeerichaarraa argame ni mu’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply