Biyyoonni lameen muddama Gaanfa Afriikaa tasgabbeessuuf mariin murteessaa ta’uu dhugoomsaniiru- Gamtaa Awurooppaa

AMN- Mudde 3/ 2017

Waliigalteen Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti mallatteeffame muddama naannawichaa tasgabbeessuuf mariin murteessaa ta’uu argisiisa jedhe Gamtaa Awurooppaa.

Gamtichi waliigaltee Ankaarratti taasifame ialaalchisuun ibsa baaseen, bu’uura seerota Idil Addunyaan birmadummaa fi tokkummaan bulchiinsaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa akka kabajamuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Waliigaltichis naannawaa Gaanfa Afrikaatti muddama siyaaaa mudatee ture tasgabbeessuuf mariin akka barbaachiisu kan argisiisedha jedheera.

Biyyoonni lameen waliigalteerra akka ga’an mootummaan Turkiyee tumsa dippiloomaasii taasiseef gamtichi beekkamtii akka kennu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply