Bu’aawwan gurguddoo waaggottan jijjirama 7 darban galamaa’an keessa inni guddaan aadaa hojii jijjiruu akka ta’e Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Badhaadhina ni fidna yoo jennu sa’aatii hojii lakkaa’uun, hojiimaata guyyaatti yeroo hojii sa’atii 8 eeguun, guyyoota boqonnaa guutummaatti boqochuun, guyyoota ayyaanaa hojii dhaabuun osoo hin taane aarsaa barbaachisu kaffaluun hiyyumaa keessaa bahuuf aaddaa hojii jijjiiruun barbaachisaa ture jedhan.
Aadaa hojii jijjiiruun mootummaa qofarra kan eegamu miti kan jedhan Kantibaa Adaanech, hawaasni magaalattis halkaniifi guyyaa hojjechuun jiruuf jireenya isaa fooyyeffachuuf amanuu akka qabu, hirmaata ta’uu qofa osoo hin taanee miira abbuummaan akka hojjetu taasifameera.
Jijjirama akka biyyaatti dhufe keessaa Finfinneen bu’uura jijjiramaa ta’uun adda durummaan fayyadamoo taateetti.
Kanarraa kan ka’e magaalatti keessatti bakka hundaatti, xiqqaa irra hanga guddaatti, halkaniif guyyaa yeroodhaan osoo hin daanga’iin hojiitti seenamuu kantiibaa Adaanech ibsaniiru.