AMN- Sadaasa 02/2017
Abbaan murtii Ingilaand Deeviid Kooteen jechoota saalfiin Liivarpuuliifi Yargan Klooppiin yeroo arrabsuu viidiyoon agarsiisu miidiyaalee garagaraarra naanna’aa jira.
Boordiin Murteessitoota Kubbaa Miillaa Ingilaand PGMOL viidiyoon kun akkuma lakkifameen qorannoo eegaluu beeksiseera.
Abbaan murtii umrii waggaa 42 kun Liivarpuul bobbaa qaama namaa keessaa bahutti fakkeessuun, Yargan Kloop ammoo “Leenjisaa addaggee” dha osoo jedhanii Viidoyoo kana irraa mul’ata.
Kana malees Klooppiin qaama saalaa dubartiitti fakkeessuun arraba saalfii hedduun osoo arrabsanii dhagahamu.
Daaviid Kooteen bara 2020tti tapha Liivarpuuliifi Barnilee gargaaraa abbaa murtii ta’uun erga taphachiisanii booda Kloop akka isaanitti dheekkaman dubbatu.
Abbaan murtii kun tapha Liivarpuul Sambata darbe Astoonviilaa 2-0’n injifatellee taphachiisaniiru.
Bara darbe ji’a Muddee keessa, tapha Liivarpuul Arsenaal waliin morkate 1 qixaan xumure irratti Kloop abbaa murtii to’ataa VAR ta’uun taphachiisan kana qeeqanii turani.
Tapha kana irratti Maartiin Odegaard saanduqa adabbii keessatti kubbaa harkaan osoo tuqee jiruu Deeviid Kooteen abbaa murtii dirree keessa jirutti hin himne, callisuu filate jechuun himatanii turan.
Kana malees bara 2020tti tapha Darbii Marsisaayidiin karra eegaan Evertan Joordaan Piikfoordi Virjil Vaandaayik irratti balleessaa cimaa yeroo hojjetu Daleeviid Kooteen to’ataa VAR turani. Vaandaayik miidhama hamaan ji’oota 9f dirreerraa fagaachuun ni yaadatama.
Viidiyoo amma bahe kanaan Deeviid Kooteen balleessuu isaa yoo irratti mirkanaa’e adabbii cimaa fi hojii murteessummaa taphaarra geggeeffamuu akka danda’u The Atletic gabaaseera.