Finfinneen fakkeenya Badhaadhinaati- Obbo Awwaluu Abdii

You are currently viewing Finfinneen fakkeenya Badhaadhinaati- Obbo Awwaluu Abdii

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 29/2018

‎Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii turtii Addatti AMN PLUS waliin taasisaniin, “Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjataman ciminni hooggansaa kan itti mul’atee fi fakkeenya badhaadhina biyya keenyaati” jedhan.

‎Hooggantootni Olaanoo federaalaafi naannolee Paartii Badhaaninaa, leenjii dhimmoota hawaas-diinagdee fi siyaasaa irratti fudhataa turan xumuruun hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjataman daawwataniiru.

‎Paartiin Badhaadhinaa gochaan agarsiisaa kan barsiisu ta’uu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

‎Hojiiwwan qonna, tuurizimii, misooma magaalaa fi Indastarii irratti mootummaan Paartii Badhaadhinaan durfamu hojjate, milkoomina badhaanina Itoophiyaa kan mirkaneessan ta’uu Obbo Awwaluun dubbataniiru.

‎Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply