AMN PLUS- Onkolooleessa 02/2018
Magaalaa Finfinneetti jiraattonni sochiilee qaamaa dirreerraa aadaa, taasifachaa akka dhufan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin jiraattonni sochii ispoortii mala jireenyaa, eegumsa fayyaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa akka cimsu taasisaa jiraachuu himan.

“Guyyaa hundaa keessattuu guyyaalee boqonnaa daa’imman, dargaggoonni fi maanguddoonni dhuunfaanis ta’ee waloon sochilee qaamaa adda addaa naannawa jireenyaa fi daandiilee sochii tiraafikaa irraa cufaa ta’an irratti yeroo gaggeessan arguun kan baratame ta’eera” jedhan.
Giddugaloonni fayyaa eegsisuuf, walitti dhufeenya hawaasummaa jabeessuuf akkaaumas kanneen ispoortiin dhaloota bakka bu’an oomishuuf gargaaran waan ta’aniif hawaasni gara giddugalootaa deemuun shaakala sochiilee qaamaa gochuu daran guddisuutu irra jiraata jedhaniiru.