“Gareewwan Kubbaa Miilaa ciccimoo Oromiyaa bakka bu’an horachuuf hojjechaa jirra” Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa

You are currently viewing “Gareewwan Kubbaa Miilaa ciccimoo Oromiyaa bakka bu’an horachuuf hojjechaa jirra” Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa

AMN- Muddee 16/2017

Dorgommiin Piriimer Liigii Oromiyaa bara 2017 yeroo jalqabaaf gaggeffamuu eegaleera.

Liigii Olaanoo Oromiyaa jedhamuun kan beekamu dorgommichi maggaasaa maqaa haaraa Piriimer Liigii Oromiyaa jedhu argachuun Istaadiyeemii Wallaggaa magaalaa Naqamteetti erga eegalee torbanoonni afur lakkaawwamaniiru.

Kilaboonni bara darbe liigii olaanoo Oromiyaa ramaddii A fi B keessaa sadarkaa 1-6’n xumuran dorgommicharratti hirmaachaa jiru.

Kilaboota 12 carraa hirmaannaa Liigichaa argatan keessaa kilabni tokko kan hafe yemmuu ta’u, deeggartoonni lakkoofsaan hedduu ta’an dirree seenuun daawwachuurratti argamu.

Itti Gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa AMN waliin turtii taasisaniin, garee kubbaa Miilaa cimaa Oromiyaa bakka bu’u horachuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hirmaannaan kilaboota Oromiyaa liigiiwwan keessatti taasisan Saba Oromoo kanneen hin madaalleedha kan jedhan Obbo Firoomsaan, kilaba cimaa aadaa, duudhaa fi qabeenya uummatichaa giddu galeeffate horachuuf sochii eegaluu himani.

Kilaboonni sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaan xumuran dorgommii shaampiyoonaa kilaboota Itoophiyaarratti hirmaatus jedhameera.

Dorgommiin Piriimer Liigii Oromiyaa bara 2017 Isteediyeemii Wallaggaatti jalqabe, marsaa lammaffaan turtii baatii tokkoo booda Sabbataatti itti fufuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Dachaasaa Dhaabiitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply