AMN- Muddee 01/ 2017
Milkaa’ina Marii biyyaalessaaf gaheen hayyootaa ol’aanoo ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Komishinichi adeemsa ajandaa walitti qabuu Naannoo Oromiyaa irratti haala mijeessitoota, hayyoota dhaabbilee Barnootaa ol’aanoo irraa filataman waliin Adaamatti mari’achaa jira.
Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaatti Dursaan Garee Marii Naannoo Oromiyaa Obbo Buzunaa Asaffaa, uummanni Oromoo karaa bakka bu’aa isaa bakka tokkotti wal arguun, ajandaa funaanuufi ajandicha bakka tokkotti qabanii Marii biyyaalessaaf dhiheessuf mari’atamaa akka jiru himan.
Oromoon saba guddaa ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa bahaa tureefi marii biyyaalessaa kanaan waan isaaf malu argatee sabaafi sablammoota hunda waliin ta’uun Itoophiyaa guddoo ijaaruuf of qopheessuu qaba jedhaniiru.
Bakka buutonni naannichaa hawaasa keessaa filataman marii kana irratti hirmaachisuu ajandaa sabichaa dhiheessuun irratti akka mari’ataniif waamichi karaa garaagaraa darbaafii jiraachuus Obbo Buzunaan himaniiru.
Haala mijeessitoonni marii kana irratti hirmaatanis akka biyyaattis ta’ee akka sabaatti gahee hojii itti kenname qulqullinaan bahuun ijaarsa biyyaa keessatti ashaaraa isaanii kaa’uuf qophaa’oo ta’uu himaniiru.
Hayyoonni marii kana irratti hirmaatan ajandaa Oromoon qabu hunda qulqullinaan akka sassaabamuuf haala mijeessuu akka qaban dhaamameera.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.