AMN Plus- Onkololeessa 17/2018
Piroojektiin Madda Anniisaa Kooyishaa waggaan anniisaa Giigaa Waattii kuma 6 fi 344 maddisiisuun fedhii dhiyeessii anniisaa guutuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhe Waajjirri Ministira Muummee.
Piroojektiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa laga Oomoorratti ijaaramaa jiru kun fedhii dhiyeessii anniisaa Itiyoophiyaa guutuu keessatti piroojektii shoora olaanaa qabu ta’uu ibse Waajjirichi.
Waliigalaan waggaan anniisaa Elektirikaa Giigaa Waattii kuma 6 fi 344 maddisiisaa jedhame.
Dhiyeessii anniisaa babal’isuun cinaatti fedhii dhiyeessii Bishaan dhugaatii fi anniisaa haaromuun milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuus ibsame.