Hojiilee gaaffii uummata keenyaa qabatamaan ittiin deebisaa jirru keessaa tokko kan ta’e adeemsa ijaarsa hospitaalota 3 gamaaggamneerra- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Hojiilee gaaffii uummata keenyaa qabatamaan ittiin deebisaa jirru keessaa tokko kan ta’e adeemsa ijaarsa hospitaalota 3 gamaaggamneerra- Kantiibaa Adaanach Abeebee

AMN PLUS-Sadaasa 12/2018

Hospitaalotni kunneen tajaajila fooyya’aa akka kennan tasifamuun ijaaramaa kan jiran yoo ta’an, ijaarsi isaaniis sadarkaa xumuramuu irra gahuu ibsaniiru.

Hopitaalotni kutaalee magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silki Laaftoofi Kolfee Qaraaniyootti, bakkeewwan kanaan dura hospitaalli hin jirretti ijaaramaa kan jiran ta’uu kaasaniiru.

Kunis waliin gahiinsa tajaajila fayyaa babal’isuu irra darbee dhibamtoota naannolee Itoophiyaa irraa dhufaniif tajaajila kan kennan ta’uu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Hospitaalotni kunneen walumaa galatti, sireewwan 1,500 kan qabaatan yoo tahu, xiyyeeffannoon itti aanu meeshaalee allaansa fayyaa ammayyaa seensisuu akka ta’e eraniiru.

“Hospitaalotni haaraan ijaaramaa jiran gaaffii uummata keenyaa qabatamaan ittiin deebisuu irra darbee giddu galoota leenjii tahuun tajaajilu” jedhan, Kantiibaan Finfinnee.

Finfinnee Giddu Gala Tuurizimii fayyaa taasisuuf sochii eegalame galmaan ga’uuf galtee dabalataa gahumsa olaanaa uumu akka ta’es ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hospitaalota haaraa ijaarsisaa jiru dabalatee, hospitaalota Minilik,Raas Dastaafi Zawudituu sadarkaa hospitaala haaraa ijaaruutti hojiin babal’isuu hojjataeefii, tajaajila eegaluu isaaniis yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply