Kantiibaa Adaanech Abeebee ijaarsa manneen kuma 13 olii guyyaa har’aa eegalchiisan

AMN – Amajjii 15/2017

Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa deeggarsa mootummaa fi dhunfaan Waldaa Aksiyoona Ayaat waliin ta’uun ijaarsa manneen kuma 13 fi 752 guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Naannawa Kaazaanchiisitti garee Ovid waliin kan eegalchiifame waliin manneen kuma 15 ol kan misoomu ta’uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, jalqaba mirga misoomuu isaanii fayyadamuun kan ijaaraman misoomsitoota dhuunfaa dabalatee waliigalatti manneen kumni 20 kan ijaaraman ta’a jedhaniiru.

Magaalaa keenyaatti kan dulloomanii fi jireenyaaf mijatoo kan hin taane kanneen akka naannoowwan Kaazaanchiis jiranii deebisnee yoo misoomsinu adda durummaan dhimma ariifachiisaa ijoo uummataa kan ta’e gaaffii mana jireenyaa deebisuuf yoo ta’u, manneen jireenyaa wayita ijaarru mana qofaa osoo hin taane naannoo jireenyaaf mijataa ta’es ni ijaarra jechuunis ibsan.

Kaazaanchiis deebisanii misoomsuun dura kan ture manneen jireenyaa fi daldalaa 8000 waliigalatti jiraattonni gara kuma 21 naannoo itti tajaajilamaa turan wayita ta’u, hojii deebisanii misoomsuun dukkaanota daldalaa kuma 2 fi manneen jireenyaa kuma 20 ijaaruun naannoo jiraattonni kuma 100 ol itti tajaajilaman ta’eera jedhan Kantiibaa Adaanech ergaa toora marsaa hawaasaatiin dabarsaniin.

Kaazaanchiis irratti kan ijaarru gandi Kaazaanchiis Ayaat keessa isaatti dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kennan dabalatee iddoolee barnootaa, dhaabbilee fayyaa, iddoolee magariisaa, mooliiwwan, dukkaanota akkasumas iddoolee dhabbii konkolaataa babal’aa kan of keessatti qabate piroojaktii guddaa yoo ta’u, carraa hojii bal’aas kan uumu ta’uus himan.

Ji’oota 18 itti aananitti ijaarsa manneen kuma 15 xumuruuf kan karoorfame yoo ta’uus Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Hundi keenya milkaa’ina piroojaktichaf waliin akka hojjennu amaanaa jechaa magaalaa idil addunyaa qulqulluu jiraattota isheef mijattuu fi dorgomtuu taate ijaaruun keenya ammas cimsinee itti fufneerra jechuun ergaa isaanii xumuraniiru.

+5

All reactions:

4444

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply