Humni Shoorarkeessaa Faannoo naannoo Oromiyaa aanaa Dharraatti gochi suukaneessaa raawwate tuffii uummata Oromoof qabu ifatti kan mirkaneesseedha- Mootummaa naannoo Oromiyaa

AMN- Sadaasa 12/2017

Humni Shoorarkeessaa Faannoo naannoo Oromiyaa aanaa Dharraatti gochi suukaneessaa raawwate tuffii uummata Oromoofi sabaaf sablammoota biroof qabu ifatti kan mirkaneessee ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibseera.

Gochi gara jabinaa gareen faannoo raawwate uummata kan bakka hin buune ta’uu beekuun uummanni Oromoo fi Amaaraa nageenyaaf dhaabachuu akka qabu waamicha dhiyaateera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma yeroo irratti ibsa miidiyaaleef kan kenne yoo ta’u Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa humni finxaaleyyii Faannoo gocha gara jabinaa uummata Oromoofi saboota gara garaa irratti raawwatee fi raawwachaa jiru mootumaan Naannoo Oromiyaa kan balaaleeffatudha jedhan.

Akkasumas Oromiyaa keessatti humni shoorarkeessaa Shanees gocha suukkaneessaa raawwachaa jiru kan balaalefatamu dha jedhaniiru.

Shanneen uummata Oromoo irratti gocha gadadoo fi boodatti deebisu raawwachuun hiyyummaaf saaxilaa jirachuu isaa obbo Haayiluun ibsaniiru.

Akkumma humni faannoo uummata Oromoo miidhaa jiru shaneenis gocha walfakkatu Oromoo irratti raawataa kan jiru yoo ta’u qaamota lameenu wal qixxa balaaleefanaa jedhaniiru.

Gochi suukkaneessaa Faanoos ta’e Shanneen raawwachaa jiru uummata kan bakka hin buune ta’uu beekuun uumanni Oromoos ta’e uummani Amaaraa nageenyaaf tumsuu akka qabu fi akka balaaleeffattu waammicha dhiheesaniiru.

Mootummaan garee gochoota suukkaneesaa fi gadadoo uumataa irratti fidaa jiran irratti tarkaanfii fudhachaa jiru ciminaan itti fufa jedhaniiru.

Humni shoorarkeessaa Faannoo Naannoo Oromiyaa Aanaa Dharraatti gochi suukaneessaa raawwate uummata Oromoof tufii qabu ifati kan mirkaneesee ta’uu obbo Haayiluun ibsa isaaniin dubbataniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun humna Faannoo irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksisan.

Itsagannat Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply