AMN PLUS- Onkoloolessa 29/2018
Hojiileen Misoomaa Qarqara Hara Xaanaatti hojjataman Baahirdaariin boqonnaa magaalaa haaraatti ceesisaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad turtii isaanii Baahir Daariin Istaadiyemii Idil Addunyaa Baahir Daariin dabalatee magaalittii tuuristootaaf mijataa taasisuuf hojii hojjatame daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Istaadiyemichi Istaandaardii CAF kaa’etti sadarkaa isaa fooyyessuuf akka hojjatamaa jirus ibsaniiru.

Istaadiyemii daawwattoota Kuma 52 qabachuu danda’u kanaaf barcumni galfamaa jiraachuu himuun, hafaan margaas taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Ibsaa diriirsuu dabalatee bu’uuraaleen misoomaa biroon ariitiin hojjatamaa akka jiran daawwachuu ibsaniiru.
Dabalatanis, Riizoortii Ikoo tuurizimii Gorgoraa irratti hundaa’uun Riizoortii Falaga Giyoon qarqara haroo Xaanaa irratti ijaaramaa jiru yeroo hojii eegalu magaalattiif tuuristoota hawwachuu irra darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii akka uumu ibsaniiru.
Gama biraan, Loojistiksii fi Geejjibni Galaanaa Itoophiyaa Baahir Daaritti Waajjirri Damee Itiyoo Feeris, hojiilee qarqara Hara Xaanaatti ijaaramaa jiran Magaalaa Baahir Daar boqonnaa magaalaa haaraatti ceesisuuf shoora olaanaa akka bahatu ibsaniiru.